Magaalaa Cirootti lammiileen kuma 3 fi 400 ol carraa hojii argataniiru

Guraandhala 29/2015  (TOI) – Baatiiwwan jahan darban lammiilee kuma 3 fi 400 oliif carraan hojii uumauusaa godina Harargee lixaatti waajjirri carraa hojii fi ogummaa magaalaa Ciroo ibse.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa adde Zahaaraa Ibraahiim TOI’f akka ibsanitti, lammiileen kuma 3 fi 485 waldaan gurmaa’uu fi qacarriin carraan hojii uumameeraaf.

Kanneen keessaa namoonni 686 waldaa 155’n kan gurmaa’an yoo ta’u, 299 qacarriin, akkasumas kuma 2 fi 500 ammoo pirojektoota addaddaan carraa argataniiru.

Waldaaleen hojiitti galan deeggarsa Baankii Siinqeetiin liqiin birrii miiliyoona 3 tuqaa 3 taasifamuu ittigaafatamtuun kun ibsaniiru.

 Liqii maallaqaa malees waldaaleen lama maashina daabboo fi saamunaa oomishuu argachuunsaanii ibsameera.

Karoora oomisha alaa galu kan biyya keessaatiin bakka buusuuf jedhu milkeessuu fi qaala’insa jireenyaa hir’isuuf industirii oomishaarratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniidu.

 Waldaalee hojiitti galan 121f leenjiin ekisteenshinii tajaajila industirii Kaayizanii kennameeraaf.

Sheediin 39 baatii 6 darbetti kanneen hojii uumaniif dabarfamuus eeraniiru.

Dargaggoota carraa hojii argatan keessaa Olyaad Jamaal hiriyyootasaa Injiinariingii keemikaalaan eebbifaman 7 waliin qindaa’uun saamunaa oomishuu akka jiran ibseera.

Maashina saamunaa oomishu birrii kuma 200 fi kuma 37’n dhibbantaa digdama qusachuun karaa mootummaa argachuusaanii dubbateera.

Kana malees hojii adeemsiftuu birrii kuma 600 fi kuma 70 baankii Siinqeerraa liqii argataniiru.

Dargaggoo Na’iimaa Hamiid hiriyootashee waliin ta’uun daabboo tolchaa fi raabsaa akka jiran dubbatteetti.

Maashina daabboo tolchu kan birrii kuma 200 baasu duubeen akka kennameef ibsiteetti.

Haata’u malee hanqinni daakuu hojiisaanii akka jalaa harkise ibsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015