Piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaatiin taphni Qiddus Goorgisii fi Madin Itiyoophiyaa har’a taasisan ni eegama

376

Guraandhala 28/2015 (TOI)- Sagantaa Piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 16ffaa taphni Qiddus Goorgisii fi Madin Itiyoophiyaa waliin har’a taphatan ni eegama.

Taphni kilaboota lamaanii kun galgala sa’aatii 1tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatama.

Leenjisaa Zarihun Shangataan kan durfamu gareen kubbaa miilaa Qiddus Goorgis qabxii 32’n piriimer Liigicha dursaa jira.

Qiddus Goorgis tapha liigichaa amma ammaatti taphate 15’n taphoota sagal mo’ateera, al tokko mo’atameera. Al shan ammoo walqixa baheera.

Taphoota 15’n goolii 32 galchee gooliin sagal ammoo itti galeera.

Taphoota piriimer Liigii taphoota walitti aanan shan Kanaan dura taphateen al sadii mo’atee al lama walqixa baheera.

Leenjisaa Gabramadiin Hayileen kan leenji’u Madin Itiyoophiyaa qabxii 30’n sadarkaa lammaffaarratti argama.

Madin Itiyoophiyaan taphoota ammaatti taasise 15’n sagal mo’atee, alsadii mo’amee alsadii ammoo walqixa baheera.

Taphoota 15’n goolii 27 galchee gooliin 21 itti galeera.

Madin Itiyoophiyaan taphoota liigii darban walitti aanan taasiseen al sadii mo’atee, al lama walqixa baheera.

Abbaan murtii Intarnaashinaalaa Hayilayyasuus Baazzezew tapha kilaboota lamaanii kana nitaphachiisu.

Sagantaa torbee 16ffaa kan biraatiin Bunni sidaamaa magaalaa Dirreedawaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti nitaphatu.

Bunni Sidaamaa tapha liigichaatiin qabxii 19’n sadarkaa 11ffaa irratti yoo argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 18’n sadarkaa 13ffaarra jira.

Oduu walfakkaatuun taphoota piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 16ffaa kaleessaatiin magaalaan Hawaasaa Lagaxaafoo Lagadaaadhii goolii 1 fi o’n yoo mo’atu Bunni Itiyoophiyaa Walaayittaa Diichaa waliin goolii malee adda bahaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015