Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Marsariitii Afaan Faransaayii fi Tigreetiin odeeffannoo qaqqabaa taasisu jalqabsiise

2032

Guraandhala 25/2015 (TOI)- Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa marsariitii haaraa odeeffannoowwan biyya keessaa fi idil addunyaa afaan Faransaayii fi Afaan Tigreetiin qaqqabaa taasisu jalqabsiise.

Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Ob. Seeyfee Darribee fi Itti aantuu hojii raawwachiiftuuejensii nageenyaa weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid marsariitii haaraa kana hojii jalqabsiisaniiru.

Sdministireetariin marsariitii dhaabbatichaa Heenook Abiyyi sirna jalqabsiisaa kanarratti  akka jedhanitti, marsariitiin haaraan afaanota addaddaan odeeffannoowwan qulqullina walfakkaatuun qaqqabsiisuu akka danda’utti kan hojjetamedha.

Marsariitiin biraandii dhaabbatichaarratti hundaa’uun  qophaa’e kun gama qulqullina odeeffannoo fi nageenyummaanis amansiisaa ta’ee tajaajila akka kennu karaa ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa ibsaniiru.

Marsariitiin kun afaan Ingilizii, Arabaa, amaaraa,fi afaan Oromoo Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture dabalatee dhiheenya akka haaraatti kan jalqaban Afaan Faransaayii fi Tigree dabaluun tajaajila akka kennu taasifamee akka hojjetame beeksisaniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Ob. Seeyfee Darribee akka jedhanitti, TOI;n hojiiwwan dhimmoota biyyaa Itiyoophiyaa ijaaran hawaasa addunyaaf beeksisan hojjrchaa jira.

Marsariitiin haaraan amma ifoome kaayyoo kana raawwachiisuuf kan deeggarudha jedhanii, amansiisummaa fi nageenyummaansaa eegamee tajaajila ammayyaa kennuu akka dandeessisu ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa dubbataniiru.

Fuula duras TOI’n hojiiwwan ejensii nageenya weebii infoormeeshinii  waliin ta’uun misooma damee kanaa n hojjetu cimsee akka itti fufu dubbataniiru.

Daarektarri itti aantuu muummee ejensii nageenya weebii infoormeeshinii  Tigisti Haamiid gamasaaniin dhaabbannisaanii hojiiwwan nageenya dhaabbilee sabquunnamtii eegsisuuf  dandeessisan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

TOI waliinis rakkoolee quunnamuu danda’an qolachuuf waliin hojjechuurra darbee fuula duras dhimmoota biroorratti hojiiwwan hariiroo qaban guddisan akka cimsan ibsaniiru.

Itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeessonni dhaabbilee lamaanii sagantaa jalqabsiisaa marsariitii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015