Invastaroonni godina Jimmaatti misooma albuuda dhagaa cilee irratti bobba’an dargaggoota kuma 11 fi 700 oliif carraa hojii uumaniiru. - ENA Afaan Oromoo
Invastaroonni godina Jimmaatti misooma albuuda dhagaa cilee irratti bobba’an dargaggoota kuma 11 fi 700 oliif carraa hojii uumaniiru.

Guraandhala 21/2015(TOI) - Invastaroonni godina Jimmaatti misooma albuuda dhagaa cilee irratti bobba’an dargaggoota kuma 11 fi 700 oliif carraa hojii uumuu Waajjiri Albuudaa Godinichaa beeksise.
Aanaalee godinichaa sadii keessatti invastaroonni 20 hojii albuudaa irratti bobba’uun hojjechaa jiraachuu waajjirichi beeksiseera.
Itti gaafatamaan waajjira albuudaa godina Jimmaa obbo Naasir Dirribaa akka himanitti, godinichatti hojiin albuuda ijaarsaa fi galteewwan adda addaaf oolaan oomishuu hojjetamaa jira.
Isaan keessaa tokko albuuda dhagaa cilee ta’uu fi albuudni kun godinicha aanaa Deedoo, Monichoo, Shabee fi Saqqaa coqorsaatti kan argamu ta'uu ibsaniiru.
Godinichatti bara kana dhagaa cilee toonii kuma 204 oomishuuf karoorfame keessaa ji’oota jahan darbanitti dhagaan cilee toonii kuma 86 ol oomishamuu ibsaniiru.
Oomishni albuuda dhagaa cilee kun dureeyyootaafi daraggoota waldaan gurmaa'anii hojjetaniin oomishamaa jiraachuu himaniiru.
Waliigalaan godinichatti ji’oota jahan darban hojii invastimanitii albuudarratti hojjetamurraa birrii miliyoona 17 galiin argamuu himaniiru.
Hojiin misooma albuudaa naannoo akka him miinetti akka hojjetamuu waliigaltee invastaroota waliin taasifameen hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Abbaan qabeenyaa Dhaabbata Omisha Dhagaa cilee 'Alansar' Obbo Mahaammadnur Abbaduraa akka jedhanitti waggoota afran darbaniif Aanaa Deedootti albuuda dhagaa cilee irratti hojjechaa jiru.
Waldaan miseensota 118 qabu dhaabbaticha waliin hojjechaa akka jiruu fi hanga ammaatti dhagaa cilee gara toonii kuma 40 oomishuu isaanii ibsaniiru.
Rakkoolee gabaa albuuda dhagaa cilee waliin walqabatan furuuf hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Albuudni dhagaa cilee industirii omisha simintootiif madda anniisaa baay’ee barbaachisaa ta’uun isaa waan beekuuf, oomisha kana haala gaariin oomishuun biyya bira darbee gara alaatti erguun sharafa alaa irraa argachuun ni danda'ama jedhaniiru.