Sagantaan taphoota piriimer liigii torbee 15ffaa Beetkiing Itiyoophiyaa lama har’a nitaphatamu - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan taphoota piriimer liigii torbee 15ffaa Beetkiing Itiyoophiyaa lama har’a nitaphatamu

Guraandhala 21/2015 (TOI)- Sagantaan taphoota piriimer liigii torbee 15ffaa Beetkiing Itiyoophiyaa lama har’a nitaphatamu
Sagantaa torbee 15ffaa piriimer liigii Beetkiingii Itiyoophiyaatiin taphoonni dabarfamanii turan keessaa har’a lama nitaphatamu.
Sababa Dirreedawaatti roobni cimaa roobeen Istaadiyeemiin Dirreedawaa mijataa waan hintaaneef taphoonni afur dabarfamuunsaanii niyaadatama.
Koreen dorgommii fi naamusaa waldaa aksiyoona piriimer liigii taphoonni kunneen har’aa fi boru akka taphataman murteessuunsaa niyaadatama.
Haala Kanaan har’a Bunni Sidaamaa Itiyoo-elektiriik waliin(bakka addaan cite daqiiqaa 18ffaa irraa kan itti fufu) guyyaa keessaa sa’aatii 10 akkasumas Bunni Itiyoophiyaa Faasiil Kanamaa waliin galgala sa’aatii 1tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu.
Boru sa’aatii 10tti Qiddus Goorgis magaalaa Dirreedawaa, magaalaan Bahaaedaar Walaayittaa Diichaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu.