Naannoo Oromiyaatti lammiilee ongeen miidhaman miiliyoona 3 tuqaa 6’f deeggarsi dhihaachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti lammiilee ongeen miidhaman miiliyoona 3 tuqaa 6’f deeggarsi dhihaachaa jira

Guraandhala 18/2015(TOI) Naannoo Oromiyaa godinoota 10tti lammiilee ongeen miidhaman miiliyoona 3 tuqaa 6’f deeggarsi dhihaachaa akka jiru Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise.
Godina Booranaa qofatti namoota kuma 867f deeggarsi taasifamaa akka jiru ibseera.
Itti gaafatamaan Buusaa Gonofaa naannichaa Ob. Musxafaa Kadir ongee naannichatti mudatee fi deeggarsa taasifamaa jiru ilaalchisuun har’a ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniin naannawa Kibba Bahaa naannichaatti waggoota sadan darbaniif wayitoo roobaa shaniif roobni akka hin turre ittigaafatamaan kun ibsaniiru.
“Ongeen itti caalaa dhufuusaatiin godinoota 8tti lakkofsi namoota deeggarsa barbaadanii kanaan dura miiliyoona 3 tuqaa 2 ture wayita ammaa godinoota 10tti gara miiliyoona 3 tuqaa 6tti dabaleera” jedhan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa lammiilee deeggarsa barbaadaniif qaamolee biroo waliin ta’uun midhaan nyaataa kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 1 kan birrii biiliyoona 8 tuqaa 4 baasu amma turban darbeetti qoodamuu ibsaniiru.
Kana malees maallaqa biiliyoona 1 tuqaa 3 deeggarsaan kennamuu himaniiru.
Naannawoota addaddaatti Bootteewwan 102 namaa fi looniif bishaan dhiheessaa akka jiran ta’uusaa fi margi nyaata looniif oolu hidhaa kuma 186 dhihaachuu dubbataniiru.
Godina Booranaatti qofa namoota kuma 867f deeggarsi taasifamaa akka jiru eeraniiru.
Kana malees baatiiwwan darban midhaan nyaataa kuntaala kuma 465 kan birrii biiliyoona 1 tuqaa 8tti tilmaamamu dhihaachuu ibsaniiru.
Deegarsa galchuuf mijata waanhintaaneef birriin miiliyoona 600 qoodamuusaas himaniiru.
Godina Booranaatti Bootteewwan 27 bishaan dhiheessaa kan jiran yoo ta’u, dhaabbileen bishaanii sababa addaddaattiin tajaajila dhaaban tajaajila akka kennan suphamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ongeen itti cimuu waan danda’uuf namootarra miidhaan caalu akka hingeenye qaamni hundi deeggarsa akkataasisu Ob. Musxafaan waamicha dhiheessaniiru.