Kitaama “Fikir Iske Meqaabir” gara diraamaa televijiniitti jijjiiruun dhiheessuuf waliigalteen mallatteeffame - ENA Afaan Oromoo
Kitaama “Fikir Iske Meqaabir” gara diraamaa televijiniitti jijjiiruun dhiheessuuf waliigalteen mallatteeffame
Guraandhala 14/2015 (TOI) Kitaama “Fikir Iske Meqaabir” gara diraamaa televijiniitti jijjiiruun daawwattootaaf dhiheessuuf ‘EBC’ fi pirodaakshiniin fiilmii ‘Saw mahon’waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltichi qabiyyee seena qabeessummaa kitaabichaa eeguun gara diraamaa televijiniitti jijjiiruun daawwattootaaf dhiheessuu kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Hojii raawwachiisaan oolaanaa ‘EBC’ ob. Fissahaa Yittaagasuu sirna mallattoorratti akka jedhanitti, kitaabni asoosamaa kabajamoo doktar Haaddis Alamayyoon barreeffamee fi baraa baratti cehu “Fikir Iske Meqaabir” rakkinoota siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa bara sana turan ifatti kan agarsiisudha.
Jireenya hawaasaa, duudhaa fi aadaa wayita sana ture agarsiisuun olitti sirna yeros ture gadi fageenyaan kan sakatta’uu fi kan ceepha’u akkasumas yaadota tarkaanfatoo kan calaqqisiisu jechuun eeraniiru.
Kitaabichi Kanaan dura Wagaayyoo Nigaatuun Raadiyoo Itiyoophiyaan seeneffamee Itiyoophiyaanota hunda bira gahuu yaadatanii, “EBC”n kitaaba kana sagaleen seenessuun alatti fedhii ummataa yaada keessa galchuun waliigaltee raawwachuusaa dubbataniiru.
Daarektarri pirodaakshinii fiilmii Sawu Mahon Sawu Mahon Yismaawu gamasaatiin, kitaabni Itiyoophiyaanotaan jaalatamaa ta’e kun qulqullinasaa eegee pirodaakshinii diraamaa Televijiniin qopheessuuf kutannoo akka qabu ibseera.