Wixineen labsii bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannoo Oromiyaa irra deebiin bahe ragga'e - ENA Afaan Oromoo
Wixineen labsii bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannoo Oromiyaa irra deebiin bahe ragga'e
Guraandhala 11/2015 (TOI) - Wixineen labsii bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannoo Oromiyaa irra deebiin murteessuuf bahe lakkoofsa 248/2015 jedhamuun sagalee guutuun ragga'eera.
Bulchiinsiifi ittifayyadamni lafa baadiyyaa iftoomina, si'oomina, bu'aa qabeessummaa, hirmaachisummaafi itti gaafatamummaa karaa qabuun akka hoogganamuuf labsii qophaa’e ta’uu eerameera.
Sirna mirga abbaa qabeenyummaa lafaa qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi gariin horsiisee bulaan heeraan qabu hojiitti hiikuuf qooda qabaachuu ibsamera.
Hanqinaalee seerota duraan turan keessatti gama mirgaafi dirqama, wabii ittifayyadama lafaa, waldiddaan itti hiikamu, argannaafi dabarsa seeraan alaa ittisuuf akka ta'e yaa’ichaan himameera.
Wixinee Labsichaa irratti miseensonni Caffee gaaffiifi yaada qaban erga kaasaanii sagalee guutuun ragga’eera. Gabaasni kan FBC ti.