Oomishoota Abaaboo, Kuduraa fi Muduraa irraa galiin doolaara miiliyoona 400 ol argameera.

Guraandhala 9/2015 (TOI)-Baatiiwwan toora darbe oomishoota Abaaboo, kuduraa fi muduraa biyya alaatti ergamanirraa galiin doolaara miiliyoona 400 ol argamuusaa ministeerri qonnaa beeksise.

Ministeerichatti hojii raawwachiisaan gaggeessaan bittaa fi gurgurtaa oomisha invastimantii qonnaa ob. Darajjee Abbabaa, raawwii damichaa baatii toorbaa ilaalchisuun turtii TOI waliin taasisaniin ibsaniiru.

Ibsa Kanaan baatii toorba darbe oomisha Abaaboo biyya alaatti ergame toonii kuma 68 olirraa galiin doolaara miiliyoona 348 tuqaa 1 argamuusaa ibsaniiru.

Gama biraatiin oomishoota kuduraa fi muduraa toonii kuma 78 gabaa alaaf dhiheessuun galiin doolaara miiliyoona 59 tuqaa 8 argameera jedhaniiru.

Kanaaf baatiiwwan toorba darban oomishoota Abaaboo, kuduraa fi muduraa biyya alaatti ergaman irraa doolaarri miiliyoona 400 ol argamuu dubbataniiru.

Nezerlaand, Saa’udii Arabiyaa, Ingiliiz, Ameerikaa, Noorwaayii fi Emireetsiin Araboota gamtoomanii biyyoota Abaaboo, Kuduraa fi Muduraan itti ergaman keessaayyi.

Omishoota kanneen irraa waggaa waggaatti carraan hojii dhaabbataa fi yeroo kuma 500 ol kan uumamu ta’uu eeranii, sharafa biyya alaa kanaa ola argachuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bara bajataa kanatti oomisha Abaaboo Toonii kuma 133 gabaa alaaf dhiheessuun doolaara miiliyoona 611 argachuuf karoorfamuu eeraniiru.

Omishoota kuduraa fi muduraarraa ammoo doolaara miiliyoona 158 argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti abbootiin qabeenyaa kaappitaala birrii biiliyoona 6 ol galmeessisan 60 misooma oomisha Abaaboorratti bobba’anii hojjechaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015