Manni maii naannoo Sumaalee yaa’iisaa idilee 4ffaa adeemsisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Manni maii naannoo Sumaalee yaa’iisaa idilee 4ffaa adeemsisaa jira

Guraandhala 6/2015(TOI) – Manni marii naannoo Sumaalee yaa’iisaa idilee 4ffaa kan waggaa 6ffaa Jigjigaatti adeemsisaa jira.
Af-yaa’iin mana marichaa adde Ayyaan Abdii, pirezidaantiin mootummaa naannichaa obbo Musxafee Mahaammad fi pirezidaantii itti aanaa naannichaa obbo Ibraahiim Usmaan dabalatee miseensonni mana marichaa yaa’ii kanarratti argamaniiru.

Manni marichaa yaa’ii Kanaan qaboo yaa’ii walgahii idilee 3ffaa raggaasisuu firaawwii hojii mootummaa naannichaa kan baatii jahaa irratti bal’inaan nimari’ata.

Kana malees manni marii kun labsiiwwan addaddaa akka fooyyessu sagantaa baherraa hubachuun danda’ameera.
Yaa’iin mana marii kun amma boruutti akka itti fufu sagantaa baherraa beekuun danda’ameera.