Maaraatooniin Dubaay koorniyaa lamaaninuu injifannoo Atleetoota Ityoophiyaan xumurame - ENA Afaan Oromoo
Maaraatooniin Dubaay koorniyaa lamaaninuu injifannoo Atleetoota Ityoophiyaan xumurame

Gurraandhala 5/20015 (TOI) - Dorgommii Maaraatooniin Dubaayitti gaggeeffameen koorniyaa lamaaninuu Atleetoonni Itoophiyaan injifatan.
Dorgommii Atleetoota dhiiraa gidduutti gaggeeffameen Atleetoonni Itoophiyaa 1ffaa hanga 10ffaa ba'uun xumuraniiru.
Dubartootanis Atleetoonni Itoophiyaa 1ffaa hanga 10ffaa ba'uun xumuraniiru.
Atleet Abdiisaa Tolaa sa'aatii 2 fi daqiiqaa 5 fi sekoondii 42n xumuruun 1ffaa yoo ba'u, dubartootaan ammoo Atleet Dharraa Didhaa sa'aatii 2 fi daqiiqaa 21 fi sekondii 11 xumuruun 1ffaa baateerti.