Ministirri Hojiifi Ogummaa aadde Mufaarat Kamiil Itoophiyaatti ambaasaaddara Saawudii Arabiyaa waliin mariyatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Hojiifi Ogummaa aadde Mufaarat Kamiil Itoophiyaatti ambaasaaddara Saawudii Arabiyaa waliin mariyatan

Guraandhala 3/2015(TOI) - Ministirri Hojiifi Ogummaa aadde Mufaarat Kamiil Itoophiyaatti ambaasaaddara Saawudii Arabiyaa doktar Fayaad Abayidalaah Alhumayadanii waliin mariyatan.
Nageenyi fi Mirgi lammilee hojiif gara biyya alaa deebamanii akka eegamuuf akkasuma sirni bobbii isaanii kan tekinolojiin deeggarame akka ta'uuf hojjetamaa jirachuu himaniiru.
Mariin aadde Mufaarat ambaasaaddaricha waliin taasisaniis nageenyaafi mirga lammilee hojiif Saawud Arabiyaa deemaniirratti kan xiyyeeffatadha jedhameera.
Ministeerri Hojiifi Ogummaa nageenyaafi mirga lammilee hojiif gara biyya alaa deemanii kabachiisuuf haalli bobbii tutuqaa namarraa bilisa kan ta'eefi tekinolojiin kan deeggarame taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetama jira.
Saawudi Arabiyaa dabalatee biyyoota biroo lammileen hojiif deemanitti waa'ee biyya deemanii odeeffannoo gahaa qabaachuun cinaatti afaaniifi leenjii ogummaa gahaa fudhachuu qabu.
Bobboonni hojii kunis haala gaariin kan leenji'eefi jiddugaleessaa kan ta'ee irratti kan xiyyeeffatu ta'uu akka ta'e ragaan Ministeericharra argame ni mul'isa.

Itoophiyatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Fahaadii Abaaydaalaahi Alhumaayedaanii gama isaaniin, hojmaata bobbii hojii duraanii Saa’ud Arabiyaa fooyyessuun hojjettoota hedduu Ityoophiyaarraa simachuuf qophii xumuruu ibsaniiru.
Hojmaati haaraan Saa’udiin diriirsaa jirtus qacarrii hojjettootaa fi wabii fayyaa dabalatee nageenyummaa isaanii eegsisuudha jedhaniiru.