Dhukkuba Kaansarii fiixee gadameessaa ittisuuf qorannoo fi yaala kaansarii duraarratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba.

Guraandhala 01/2015(TOI) - Naannoo Amahaataatti dhukkuba kaanserii fiixee Gadameessaa yeroo gara yerootti babal'ataa dhufaa jiru hiri'isuuf qorannoo duraa dhukkuba Kaanseerii fiixee gadameessaa geggeessa jirachuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Kanneen dhukkuba kana qabaachuun isaanii qorannoo duraan mirkanaa'ees adda baafamanii yaala yeroon akka argataniif hojjechaa jiraachuus waajjirichi beeksiseera.

Biirichatti qindeessaa ittisa dhukkuboota daddarboofi daddarboo hin ta'iinii obbo Fisahaa Ababee akka TOItti himanitti, naannichatti yeroo gara yerootti dhukkubni Kaanserii fiixee gadameessaa dabalaa jira.

Dhaabbilee fayyaa dhibee kana ittisuuf filataman 280 keessatti sakatta’iinsi kaansarii qorannoo duraa taasifamaa jira jedhaniiru.

Walakkaa waggaa bara kanaatti qorannoo duraa dubartoota kuma 44 fi 563 irratti taasifame keessaa dubartoota kuma 2 fi 473 irratti mallattoon dhukkubichaa argamuu himaniiru.

Haaluma kanaan dhibeen kun gara kaansariitti osoo hin jijjiiramne yaala fayyaa barbaachisu akka argatan taasifamuu himaniiru.

Dhaabbilee fayyaa tajaajila kana kennaniif meeshaaleen yaalaa fi ogeeyyiin leenji’an dhiheessuun akka hojjetamaa jirus obbo Fisahaan himaniiru.

Dhaabbilee tajaajila kana kennaan caalaatti babal’isuuf hojiin dabalataa hojjetamaa akka jirus himaniiru.

Rakkoolee hamaa dhibeen kun qaqqabsiisuu danda'uu hubachiisuuf hojilee karaa miidiyaalee adda addaa hojjetamaa ture hubannoo gaarii uumuuf foyya'isa gaarii uumaa jiraachuus dubbataniiru.

Dhukkubni Kaansarii fiixee gadameessaa gara Kaansariitti yoo jijjiirame yaaliin taasifamu ulfaataa waan ta’eef du’aaf nama saaxiluu dhukkuba danda'udha.

Heruumaa umurii hin malleen taasifamu, Jalalee tokkoo ol qabaachuu,fi Vaayirasii HIV'n qabamuun caalaatti saaxilamummaa dhukkuba kanaa kan dabaludha.Kanaaf dubartoonnii umuriin isaanii gahee yoo xiqqate waggatti yeroo tokko qorannoo duraa dhukkuba Kaanserii Fiixee gadameessaa taasifachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015