Ji'oota jahan darban oomishaalee gabaa alaarra galan kan biyya keessaan bakka buusuun baasii doolaara biliyoona tokkoo ol hambisuun danda'ameera.

Amajji, 30/2015(TOI) - Ji'oota jahan darban oomishaalee gabaa alaarra galan kan biyya keessaan bakka buusuun baasii doolaara biliyoona 1.077 hambisuun danda'amuu Ministeerri Indastirii beeksise.

Ministeerichi akka beeksiseettii, uuffata seeraa baratootaa, qaamolee nageenyaa, Gogaafi bu'aalee gogaarraa oomishaalee oomishaman biyya keessatti oomishuun baasii sharafa biyya alaa kana hambisuun akka adanda'ame himaniiru.

Kana malees oomishaalee tekinolojii manufaakcharingii, Maashinarootaa Injinaringii, Zayita nyaataa, Elektiroonikisiifi Obtikaal biyya keessatti oomishuunillee baasii sharafa alaa kana hambisuun akka danda'amee beeksiseera.Dabalataan Paastaafi nyaata qaama qabbisaan, Biqila Biiraa, Maangoo paalpi akkasuma Pilaastikaa, keemikaalota bu'uuraa, Saamunaa, Waraqaafi oomishaalee qaruuraa biyya keessatti oomishuun danda'amuus beeksiseera.

Gama biroon Ministeerichi oomishaalee indaastirii haaraa 6 gabaa idil addunyaatti brabaadamaa ta'an gara ala ergiitti galchuun galii doolaara miliyoona 7.5 argamiisuus beeksiseera.

Haftee oomishaalee indastiriiwwan Gogaa irra deebiin fayyadamuun oomishaalee akka Pirotiin jalaatiin Paawudeer, Manufaakchariingi Tekinolojii gara ala ergiitti galchuu beeksiseera.

Damee nyaataafi dhugaatiin Saliixaa akaa'ameefi fatagame, Biqila Biiraa, Qaruuraa Biiraa akkasuma Qaruuraa Wayinii gara gabaa alaatti erguun galii argame ta'uu eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015