Ministeerri Dhimma Alaa miidhaa sababa Kirkira lafaan Turkiyeetti mudateef gadda itti dhaga'ame ibsate.

Amajji, 29/2015(TOI) - Ministeerri Dhimma Alaa FDRI dhiimmaa sababa kirkira lafaa Kibba Turkiyyeetti mudateen lubbuun namootaa darbuu, miidhaa qaamaafi barbaadaa'uu qabeenyaaf gadda itti dhaga'ame ibsateera.

Ministeerichi ibsa isaan Lammilee balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniif gadda guddaa itti dhaga'amee ibsuun , kanneen qaamaa miidhamanii ariitiin madaa isaaniirraa akka fayyaan hawii qabu ibseera.

Ministeerichi odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasumaa isaa qoodeen akka ibsetti Mootummaan Itoophiyaa yeroo rakkoo cimaa kanatti uummataafi mootummaa Turkiyyee cinaa kan dhaabbatu ta'uu eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015