Korporeeshiiniin misooma Paarkiiwwan Induustiri bara bajata darbe oomisha doolara miiliyoona 165 baasuu gara biyya alaatti ergusa hime - ENA Afaan Oromoo
Korporeeshiiniin misooma Paarkiiwwan Induustiri bara bajata darbe oomisha doolara miiliyoona 165 baasuu gara biyya alaatti ergusa hime

Finfinnee, Hagayya,26/ 2012 ( TOI)-Korporeeshiniin misooma parkiwwaan induustirii bar bajataa darbee oomishalee doolara miiliyoona 165 baasaan gara biyya alaatti erguusa beekisise.
Raawwiin hojii kunis kan bara darberra caalamaa doolara miliyoona 54.8 akka qabu ibsamera.
Korporeshinichii raawii hojii bar bajata darbee ilaalchisuun Tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin turtii tasisen bara bajata darbee kanatti abbootiin qabeenyaa jiddugaleessa tokko irra tajaajila akka argatan taasisera.
Korporeeshinichatti dursaan maarkeetingii fi kominikeeshinii obbo Darribee Dabalee akka himanitti,oomishiinni korporeshinichi biyya alaatti erguu irra galiin gaariin argamera.
Galiin kunis oomishalee uffataa sibilaa,Alekitiroonikisfi oomishalee bu'aa qonnaa irra argaman biyya alatti erguun karoora bara kana harkaa 73 galmaan gahuus himaniru.
Oomishaleen gara biyya alaatti ergamaan kunis baay'inaan kan egamaan biyyota baha jiddu galeessatidha jedhamera.
Bara baajata darbe kana Paarkiwwan Induustiritti abbootii qabeenyaa 59 keessumeessuuf karoorfamee 28 galmaan gahuun danda'amera. Kunis karoora karoorfame keessa harkaa 49 dha.
Sababaa rakkoo Vaayirasiin Koroonaan addunyarra gaheen karooricha halaa barbaadameen galmaan gahuun hin danda'amnes jedhaniru obbo Darribeen.
Bara bajata darbe kana korporeeshinichii namoota hojii dhabeeyyii kuma 11 fi 880'f carraa hojii uumuun akka danda'amees himamera.
Rakkoowwan parkiwwan qunnama jiran kannnen akka hanqina bu'uura misooma,Daangaa isaani kabachiisuu, dhiiheessii loojistikii furuuf kanneen dhimmi ilaallatu waliin hojjetama jiras jedhamera.
Itoophiyaan waggoota darbaan qofa parkiiwwan induustirii jiran irra galii mallaqa doolara miiliyoona 443.7 argachuu ishee ragaan korporeshinicha irra argamee ni mul'isa.