Akka biyyaatti galma waloo qabaannaan dantaa biyya keenya eegnee injifannoo waloo akka gonfannu homaa shakkii hin qabu-Ministeera Muummee dooktor Abiyyi Ahmad - ENA Afaan Oromoo
Akka biyyaatti galma waloo qabaannaan dantaa biyya keenya eegnee injifannoo waloo akka gonfannu homaa shakkii hin qabu-Ministeera Muummee dooktor Abiyyi Ahmad

Finfinnee,Hagayya26,2012(TOI)- Akka biyyaatti galma waloo qabaannaan dantaa biyya keenya eegnee injifannoo waloo akka gonfannu homaa shakkii hin qabu jedhan Ministeera Muummee dooktor Abiyyi Ahmad.
Akka isaan jedhanitti, fedhiiwwan keenya gamaa gamana rarra’anii jiran walitti dhiyaachuu qabu.
Ejjennoo gogaa kaanan ani jedhe yoo ta’uu baate jedhuun adeemsi taasifamu ,qabeenya, yeroo fi humna qisaasessuu alatti homaa faayidaa hin qabaatu. Tarkaanfii tokko gara gidduutti dhiyaachuuf fedhiin hin hayyamne biyya tokko haa hafuutii maatii tokko iyyuu hin dhaabus jedhaniru.
Kanaaf, fedhiiwwan keenya kallattii faallaatti harkifaman madaqsuudhaan jaalala biyyaaf qabnu haa agarsiifnu,Itiyoophiyaa jabaatte ijaaruudhaaf adeemsa badhaadhinaa taasifamuun gahee keenya isa gaarii haaba’annu jechuun tora facebook isanirratti barresaniiru dooktor Abiy Ahamad.