Hidhni Guddichi Haroomsaa Itiyoophiyaa biyyoota yaa’a lagiichaaf faayidaa guddaa qaba jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

52

Finfinnee, Hagayya,19,2012(TOI) -Ijaarsi Hidha Guddicha Haroomsaa Itiyoophiyaa biyyoota yaa’a lagiichaaf faayidaa guddaa akka qabu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gita isaanii Sudaan Abdallaa Hamdookif ibsan.

 Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad yeroo turtii isaanitti Ministira Muummee Sudaan AbdallaA Hamdook walin walitti dhufeenya biyyoota lameenii irratti mari’ataniiru.

 Ijaarsi hidha Haroomsaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane biyyoota yaa’a lagiichaafis faayidaa guddaa akka qabu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gita isaani Sudaanif ibsaniiru.

Dabalatanis ummanni Sudaan Ijaarsa hidha haroomsarra ni fayyadamas jedhaniiru. Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook gama isaanitiin waligalteen gama hidha haroomsaan taasifamu marii teeknikaan akka furamu abdii qabachuu himaniiru.

 Itiyoophiyaan fedhii laga Abbayyaarratti misoomsuuf qabdu Sudaan akka kabajjuu fi deeggartus Abdalla Hamdook mariicha irratti himaniiru.

 Dabalatanis dhimmaa dangaa irratti gaggeessitoonni biyyoota lameenii mariin furuuf waligaluun isaaniis himameera.

Hoggantoonni biyyoota lameenii dhimmoota Naannoo fi dhimmoota walitti dhufeenya biyyoota lameenii cimsu danda’an irraatti mari’ataniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi turtii isaani Sudaanin Pireezedaantii Mana Maree Walabummaa Sudaan Leetnaal Jeneraal Abduul Fataah Alburhaanii walin ni mari’atu jedhameti egama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015