Biiroon Barnoota Oromiyaa bara barnootaa 2013f qophii barbaachisu gochaa jira

201

Finfinnee Hagayya 18/2012(TOI)- Biiroon Barnoota Oromiyaa bara barnootaa 2013 barattooni haala  dhibee koronaaf hin saxilamneen barnoota akka itti fufan qophii barbaachisaa gochaa jirra jedhan hogganaan biiroo barnoota oromiyaa doktar Tolaa Bariisoo.

Qorannoo ministeera fayyaa fi haala qabatamaa adunyaa bu’uura godhachuun barattooni gara  mana barnootaatti  akka deebi’an wayta eyamamu barnoota yadoo malee itti fufsiisuuf qophii godhamaa jiru ilalchisee TOIf kan ibsaan Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo manneen barnoota naannoo Oromiyaa keessatti hojiilee heduutu hojjetamaa jira jedhan.

Hojiilee ijoo bara barnoota 2013 hojjetamu keessaa ijoon daree dabalataa ijaarudha.

Akka Doktar Tolaan jedhanitti ganna kana keessa manneen barnootaa naannichaa kuma 10 keessatti dareeleen dabalataa kuma 30 akka ijaaramu mootummaa naanno o oromiyaatiin kallattiin kaahame.

Tokkoon tokkoon mana barnootaa keessatti daree dabalataa 3 ijaaruuf karorfamuuu yaadachiisuun hanga gabaasni kun qinda’etti dareewwan dabalataa kuma 18 fi 600 ijaaramee jira.

Hojiin kun hirmaannaa uummataa, abbootii qabeenyaa, kaampaanotaa fi mootumaan milkahinaan hojjetame jedhan.

Ijaarsi dareelee dabalataa hira baratootaaf daree walsimsisuun  barattoonni walirraa fagataanii taa’uun weerara koronaa ittisaa qulqullinni barnootaa akka eeggamus gumaacha olaanaa qabaachuu dubbatan.

Kana malees manneen barnootaa  teessoo gahaa , bishaan , saamunaa,ibsaa fi mana fincaanii akka qabaatan xiyyeffanoon hojjetamaa jira.

Hojiin kun wayta barattoonni gara mana barnootaa deebi’an dhibeef akka hin saaxilamne gargaaras jedhame.

Bara barnootaa 2013f qophiin gahaan godhamaa waan jiruuf akkuma Ministeerri Fayyaa beksiseen barnooni kan eegalu waan ta’eef,  Maatiin baratootaa  ,barattoonni fi barsiisonni  barnoota eegaluuf qophii barbaachisaa gochuu akka qabanis dhaamanii jiru Dr.Tolaan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015