Yaa'iim Ambasaddarootaa kan waggaa Bishoftutti geggeeffamaa jira

64

Finfinnee,Hagayya,2012(TOI)- Yaa’iin Ambasaandaroota kan waggaa bara kana magaalaa Bishooftutti ta’amaa jirachuu Ministeerri dhimma alaa beekisise.

Yaa’iin kun mata duree ‘Ergamni dipiloomaasii keenyaa badhadhina biyyaaf’ jedhun taa’amaa jira.

Yaa’icharattis hooggantoota hojii waajjira dhimma alaa,Hooggantoota Misiyoonota,Dipiloomatootafi, Ambaasaadarootatu hirmaachaa jira.

Banisa yaa’ichaa irratti haasaa kan taasisan ministirri biyya alaa Obbo Gadduu Andaargachaa, bara 2012 hojii dipiloomaasii lammilee irratti xiyyeffate hojjechuun milkaa’inni guddaan argamera.

Yaa’ii kanarratti wixineen haaraa dipilomaasii Dinagdee ilaalchisee faya’insa tasiifamee fi jijjiramoota sadarkaa biyyatti jiran irratti maariin ni taasifama jedhamee eegama. Madda ministeera dhimma alaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015