Jiilli pirezedaantii mootummaa nannoo oromiyaan durfamu godina baalee daw’ate

73


Finfinnee Hagayya 16/ 2012(TOI)- Jilli pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisatiin duurfamu Baalee Roobee, Gobba fi magaalota ollaa daawwatan.
Rakkoo nageenyaa tibba darbe uumamee tureen qabeenya barbadaa'ee fi hojii deebisanii dhaabuu daawwatanii jiru.
Manneen miidhaan irra ga'ee ture keessaa 80 suphamaniiru.
Dhaabbileen daldalaa miidhamanis hirmaannaa ummataatin ijaarramaa kan jiran yoo ta'u, waajjiraaleen mootummaa miidhaan irra ga'es hojjetamaa jiru.
Jilli kun ijaarsa piroojektii buufata konkolaataa ammayyaa Roobee, Mana Barumsaa Qophaa'ina Jeneraal Waaqoo Guutuufi Giddugala ce'umsa baadiyyaa Baalee Roobees daawwateera. Maddi OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015