Tamsaasa Kallatti:

Ministeerri Qonnaa naanoleef meeshaalee gara garaa naannoleef kenne

Finfinnee Hagayya 11/ 2012(TOI)-- Ministeerri Qonnaa Taabletootaafi meeshalee garaagaraa Birrii miiliyoona 700 olitti tilmaamamu naannoleef deeggarsa taasisuu beeksise.

Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen hojimaata odeeffannoo sirrii diriirsuuf qabeenya damee qonnaan argamu seeran hojiirra oolchuuf yaaduun Birrii miiliyoona 300fi miiliyoona 36n taabletootaa kuma 35fi 400 bituun naannoleef raabseera.

Taabileettonni kun dhimmaa qonnaa waliin walqabatee odeeffannoo qulqullina qabuufi si’ataa ta’e walitti qabuurra darbee odeeffannoo dhimmoota qonnaa waliin walqabatan gabaasuuf akka gargaaruuf Sooftiiweeriin kan irratti fe’ame ta’uun ibsameera.

Ministeerichi ittisaa vaayiraasii koroonaaf kan oolu deeggarsa miiliyoona 10.9fi meeshalee Doolaara Ameerikaa miiliyoona 11n immoo qorannoo garaagara bineesota irraatti gaggeefamuf deeggarsa taasisuutu himame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015