Mootummaan naannoo oromiyaa lammiilee naanno Affar sababa lolaan qa’ee irraa buqqa’aniif deeggarsa godhe

69

Finfinnee Hagayya 9/2012(TOI)- Mootummaan naannoo oromiyaa lammiilee naanno Affar sababa lolaan qa’ee irraa buqqa’aniif deeggarsa midhaan nyaataa fi qoricha birrii miliyoona 3tti tilmamamu taasise.

Deeggarsa kana waajjira ittisa balaa fi misooma wabii nyaata affaarif  kan kennan miseensi jila naannoo oromiyaa obbo nibratuu taarraqany akka jedhanitti lammitu lammiif dhaqqaba jennee deeggrsa kana finne jedhan.

Deegrsa kanaan midhaan nyaatan cinaatti wayta balaa tasaa dhibeewwan mudachuu danda’an ittisuuf kan oolu meshaaleen qulqulisaan keessatti argama.

Mootummaan naannoo oromiyaa gara fuula duraas deegrsa cimsee itti fufa jedhan.

Midhaan kuntaala 900 keessaa midhaan nyaataa dubartoota ulfaaf oolus keesssa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015