Hojiin siviilii hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa harka 88.5 irra gahe

134

Finfinne  Hagayya 07/2012(TOI) - Hojiin siviilii hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa harka 88.5, raawwiin pirojektichaa waligalaa immoo %75 gahuun ibsame.

Hojii gaggeessaa olaanaa Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Injinar Kiflee Horroo ijaarsi hidhichaa karooraa qabameefin hojjeetama jiraachuu ibsan.

 Bishaan guutamuun hidha kana immoo hojiilee kanaan dura hojjetaman raawwii isaanii dhibbeentan akka ol ka’uu taasiseeraa jedhan.

Guutinsaa bishaanii marsaa duraa boodaa, tarbaayiinii lamaa fayyadamuun bara itti aanuu humna ibsa maddiisisuuf bitaafi mirgaa hidhichaatti sibiloota hojjeechufi hojiin Genereetaraa dhaabuu hojjeetamu ibsan.

 Injinar Kifleen, sadarkaan ijaarsa hidhi haaromsaa kun irraa gahee uummataa Itoophiyaa fi hojjeetoota hidhichaa keessatti kakkaa’umsa guddaa uumeera jedhan. Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaatu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015