Mootummaan Naannoo Oromiyaa hoggantootaa fi hojjettoota mootummaa jeequmsa du’a Artisti Haacaaluu Hundeessan booda uumame keessa harka qabani fi gahee bahuu didan jedhe irrati tarkaanfii fudhataa jira

132

Finfinnee Hagayya 5/2012(TOI)- Mootummaan naannoo Oromiyaa hoggantoota mootummaa ga'ee hojii irraa eegamu bahachuu dhabaniifi warra gocha jeequmsa baatii darbee keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii seeraafi siyaasaa fudhachaa jira.

Oromiyaa keessatti ji'a darbe ajjeefamuu Artisti Haacaaluu Hundeessee hordofee jeequmsa uumame keessatti hojjettoota mootummaa hirmaatan 500 ol to'atamanii, dhimmi isaanii qulqulla'aa jira jedha gabasni Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa.

Bifuma wal fakkaatuun, hoggantoonni sadarkaa gandaa, aanaafi godinaa gahee irraa eegamu bahachuu dhabaniifi rakkoo uumame keessaa harka qabaachuun isaanii shakkame 1200 ol irratti tarkaanfiin seeraafi siyaasaa fudhatameera.

Dhimmi ol'aantummaa seeraa kabachiisuu sirnaafi adeemsa itti gaafatamummaa seeraan taa'e keessatti hoggantootaafi hojjettoota mootummaa dabalatee itti fufiinsaan mirkana'aa kan deemu ta'uu waltajjii konfaransii hoggansa paartii Badhaadhinaa Oromiyaa tibbana geggeeffamerratti kallattiin taa'eera. Maddi BDhKMNOti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015