Paartiin Badhadhinaa Naannoo Oromiyaa misseensota koree giddugaleessaa 3 miseenssummaa keessaa baase

182

Finfinnee Hagayya 04/2012(TOI) - Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa walga’ii guyyaa lamaaf gaggeessa turee murtiiwwan addaddaa dabarsuun xumuure.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa  paartichi walga’ii isaatiin rakkoo isa mudataa turee karaa hiikuun danda’amufi kallattii gara fuulduraa dabalatee murtee adda addaa akka dabarse himanii jiru.

Haaluma kanaan hooggantoota ilaalchaafi hojmata paarticha hin hordoofne sadii irraattis tarkaanfiin fudhatamuu  ibsan Obbo Fiqaaduun.

Hoggantoonni kunis obbo Lammaa Magarsaa, Dr. Milkeessaa Miidhagaa, Aadde Xayibaa Hasan miseensa Koree Giddu Galeessaa paartichaa irraa akka dhorkamaniif murtee dabarsee jira.

Dabalatanis humni TPLFfi ABO Shanee, humnoota alaa waliin ta’uun jijiirama ammaa akka biyyaatti argame guufachiisuu yaalii adda addaa taasisaa akka jiraan addaa baasuun akka danda’ame Obbo Fiqaaduun himaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa hojiiwwan Misoomaa,Nageenyaa fi dhimmoota jijjiramaa irratti xiyyeeffatee akka hojjeetu obbo Fiqaaduun ibsanii jiru jechuun OBN gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015