Shakkamaan yakka ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan shakkamee to’annoo jala oole yakkicha raawwachuu amane

79


Finfinnee, Hagayya 1/2012 (TOI) – Shakkamaan yakka ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan shakkamee to’annoo jala oole yakkicha raawwachuu isaa jecha Poolisiif laateen amanuutu ibsame.
Shakkamaan yakka kana raawwachuu isaa amane, maatii isaaf eeggumsi akka taasifamu mana murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa dhaddacha ramaddii yakkaa Araadaatti iyyaannoo dhiyeeffatee jira.
Dhimmi koos ariitiin murtee argachuu qaba jechuun gaafatee jira.
Manni murtichaa qorannoo poolisiin gaggeessee dhaggeeffachuun qaamolee gocha kana duuba jiran to’annoo jala oolchuu fi sanada qindeeffachuuf beellama dabalataa poolisiin guyyoota 14 gaafate keessaa qorannoo dabalataaf guyyoota 11 eeyyamee jira.
Shakkamaan biroo yakkicharratti hirmaate jedhame Abdii Alamaayahu har’a Xilahuun Yaamii waliin dhadhacha mana murtiitti dhiyaatee jira.
Manni murtichaa bu’aa qorannoo eeguuf Hagayya 12, 2012tti beellama qabee jira. Maddi EBC.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015