Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad galii gurgurtaa Kitaaba Ida’amuurraa argame ijaarsa manneen barnootaaf akka oolu arjooman

67


Finfinnee, Hagayya 1/ 2012 (TOI) –Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad galii gurgurtaa Kitaaba Ida’amuurraa argame Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 ijaarsa manneen barnootaaf akka oolu arjoomaan.
Dooktar Abiy manneen barnootaa gama Waajjira Giiftii Dureen ijaarramaniif akka oolu kan arjooman yoo ta’u, maallaqicha Giiftuu Duree Zinnaash Taayyaachoof laataniiru.
Fuula jalqabaa Kitaabichaarratti ijaarsa manneen barnootaaf kan oolu ta’uu eerrameera.
Waajjirri Giiftii Duree manneen marnootaa 20 ijaarsiisaa kan jiru yoo ta’u,7 guumaan guutuutti xumuramuu fi 13 ammoo %90 irra ga’aniiru.
Manneen barnoota ijaarramaa jiran hundi bara barnootaa dhufutti hojii kan eegalan ta’a.
Galii gurgurtaa Kitaabichaarrra walitti qabame deebisanii misooma ummataaf oolchuun daraan kan nama boonsu ta’uu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dubbataniiru.
Yeroo itti aanuus galiin gurgurtaa kitaabichaarraa argamu maallaqni tokko qaama dhuunfaa, Paartii fi mootummaaf osoo hin taane misooma hawaasaf kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Maallaqichi rakkoolee hawaasaa damee barnootaan jiru furuuf kan oolu ta’uu mirkaneessaniiru.
Waajjirri Giiftii Duree gama isaan maallaqni argame manneen barnootaa yeroo ammaa ijaarramaa jiraniin ala manneen bartootaa dabalataa naannoolee hunda keessatti ijaaruuf kan oolu ta’uu ibse.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015