Hariiroo Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuun hojii ijooodha ...Ministeera Dhimma Alaa

96

Finfinnee Adoolessa 28/2012(TOI)- Hariiroon Itoophiaan biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuu fi nagaa mirkaneessuun hojii ijoo waggoota 10 dhufanii ta’uu Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Andagraachoo ibsan.

Karoora ijoo hariiroo dhimma alaa waggaa  10 dhufuu dhihaatee irratti mariyatame.

Marii komishiniin misooma karooraa qopheesse irratti ministira dhimma alaa obbo Gaduu dabalatee hoji geggesitoonni olaanoo fi ogeeyyiin hirmatanii jiru.

Hariiroo Itoophiyaan qaxanaa kanatti,biyyaa fi sadarkaa adunyaatti  qabdus ibsanii jiru.

Waggoota itti aanan biyyattiin gaanfa Afrikaa irratti nagaa waaraa buusuun walitti hidhamiinsa diinagdee cimsuu bu’uura godhamee jira.

Afrikaatti naga fi badhadhinni dhufuu kan danda’u biyyoonni ollaa hariiroo obbolummaa yoo uumani kan jedhan obbo Gadduun itoophiyaan gahee waldeegarsaa irraa eegamu ni taphatti jedhan.

Ijaarsa biyyaa irratti warra dhimmi ilaallatu waliin ta’uun deegartoota walinis deegrsa bal’isuun akka hojjetamu ibsan.

Gama dipilomaasii lammiilee irratti xiyyefateen mirga lammiilee egsisuuf akka hojjetamu yaadachiisuun investimantii alaa harkisuu, gabaa babal’isuu, hirmaannaa fi fayyadamummaa diyaspoora cimsuu ta’uu ibsanii jru.

Hariiroo Keeniyaa fi Sudaan waiin eegalame gara hariiroo hunda galeessaa ceesisuun qaama karoorichaa ta’uu ibsuun nageenyi waaraa Somaliyaa fi Sudaan Kibbatti akka bu’u Itoophiyaan gahee ishee ni bahatti jedhan.

Tasgabbii dhabuun qaxanaa kanaa karaa biroo itoophiyaa miidha wan ta’eef tasgabbiin biyyootaa akka mirkanaahu gahee kenya bahuun qaama karoorichaa ta’uus ibsan.

Eertiraa waliin faayidaa waliinii irratti kan hundaa’e hariiroon dhaabbilee akka cimu ni hojjenna jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015