Guutinsi bishaan Hidha Haaromsaa marsaan duraa Itoophiyaa gara boqannaa guddina itti aanutti ceesisu jedhu hayyoonni - ENA Afaan Oromoo
Guutinsi bishaan Hidha Haaromsaa marsaan duraa Itoophiyaa gara boqannaa guddina itti aanutti ceesisu jedhu hayyoonni

Finfinnee adoolessa 16/2012(TOI)- Guutamuun bishaan Hidha Haaromsaa marsaan duraa guddina Itoophiyaa gara boqannaa itti aanutti ceesisa jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Sayinsiif Teknooloojii Adaamaa.
Hayyoonni TOI dubbise kunneen iaarsi hafe xumuuramee tajaajila guutuu akka kennu lammiileen hundi tumsa barbaachisu gochuu qabu jedhan.
Barsiisaan sayinsii uumamaa yunivarsiitichaa Dr. Asfaw Abbaa humnaa marsaa duraa bishaan guutuun xumuuramuun seenaa jireenya dukkanaa biyyattii kan jijjiru jedhan.
Miidiyaaleen dhugaa jiru waliin fayyadamuu biyyoota biroof hubachiisuu irratti hojjetuu qabus jedhan.
Masrii fi Sudaan kana bekanii ashaaraa magariisaa fi kanneen biro irratti otoo deeggaranii gaaridha kan jedhan Dr.Asfaw ammas waltumsinee xumuuruu qabna jedhan.
Guutinsi bishaanii marsaan duraa karaa milkiin xumuuranuun isaa seenaan Adawaa irra deebiin hojjjetame kan jedhan immmoo Mahandisa Bishaanif kununsa Naannoo Doktar Keyraddin Tamami.
Hidhni kun dafee xumuuramee tajaajila guutuu akka kennu lammiin hundi waliin hojjetuu qabnas jedhan.
Diiniin giddugala kalaqaa Dr.Alamuuu Gonfaa milkiin bishaan guutu kun biyyattiin karoora ofiin hogganamtee akka milkeessitu agrsiiftudha jedhan.
Milkaahinni kun birmadummaa biyyaa fi uummataaf gahee guddaa qaba jedhame. Piropagaandaa dhimma hidha kanaan walqabatee ka’uuf deebii gahaa fi barsiisaa kan kenne ta’uus dubbbatan.
Ammas hojiileen jireenya biyya kanaa murteessan ciminan hojjetamuu akka qaban dhaaman.