Xiyyaarri Itoophiyaa meeshaa fe’u boing 777 Chaaynaa magaalaa Shangayitti bakka dhaabbatee jirutti ibiddaan gubate.

179

Finfinee Adoolessa 15/2012(TOI)- Xiyyarri Itoophiyaa meeshaa fe’u chaynaa magaalaa Shangay buufata xiyyara Pudong otoo meeshaa fe’ee jiruu ibiddi itti qabate.

Akka ibsi daandii xiyyara Itophiyaa baase agrsiisutti xiyyarri Itoophiyaa boing 777 et EARH xiyyarri meeshaa fe’u ibiddaan kan gubate meeshaa fe’ee shangayi irraa gara Sa’opolo imaluuf wayta jirutti jedhame.

Hojjettoonni xiyyaricha gubbaa hojjetani hundi nageenyi isanii haala gaarii irra kan jiru yoo ta’u balaa sana toohachuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa ture jedhame.

Ka’umsi balaa sanaa qoratamaa jiraachus beksisee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015