Hojjettoonni daandii xiyyara Itoophiyaa ambasaddara turizimii biyyattii ta’uun ni hojjetu - ENA Afaan Oromoo
Hojjettoonni daandii xiyyara Itoophiyaa ambasaddara turizimii biyyattii ta’uun ni hojjetu

Finfinnee Adoolessa 13/2012(TOI)- Daandiin xiyyara Itoophiyaa turizimii biyyattii sadarkaa guddaa irraan gahuuf karoora qopheeffatee hojjetaa jira jedhame.
Itoophiyaatti akkaan kan itti hin fayyadamne dame turizimii guddisuuf galii irraa argamus cimsuuf mootummaan xiyyeffannoo kennuun magaalaa Finfinneetti pirojektoota paarkiwwaan gara garaa hojjetaa jira.
Daandiin xiyyara Itoophiyaas dame kana guddisuuf hojii ijoo godhachuun hojjetaa jira.
Ittigafatamaan tajajila idil adunyaa daandii xiyyara Itoophiyaa obbo Lammaa Yaadechaa TOItti akka himanitti imaltoota xiyyarichi imalchiisu harki 70 Itoophiyaa akka cehumsaatti fayyadamuu jedhan.
Kana keessaa harki 50 wayta as dhufan Itophiyaa akka daaw’atan haala mijjeessaa jirra jedhan.
Geggessitoonni daandii xillensa Itophiyaa biyya gara garaa jiraatan hojii kana ijoo godhachuun turistoonni akka garana dhufan hojjetaa jiraachuu himu.
Hojjettoonni daandii xiyyara Itoophiyaa akka ambaasadara turizimii Itoophiyaatti hojjetaa jiraachuus himan.
Paakeejii addaa qopheessuun daaw’attoonni yeroo Finfinnee turanitti sagantaa daaw’achuuf oolu Addis Night Life jedhmamu qopheessu dubbatan.
Daandiin xiyyara Itoophiyaa dame turizimii itooiyaa ni geeddara kan jedhan obbo Lammaan hojigeggessitoonni iddoowwan gahumsa daandii xiyyarichaa 127 jiranis kanaaf xiyyeffannoo kennuun hojjetaa jirus jedhan.