Dhiibbaan TPLF paartii kiyyaa irraan gahaa jiru furmata argachuu qaba jedhe paartiin Dimokiraatawa Tigraay - ENA Afaan Oromoo
Dhiibbaan TPLF paartii kiyyaa irraan gahaa jiru furmata argachuu qaba jedhe paartiin Dimokiraatawa Tigraay
Finfinnee Adoolessa 11/2012(TOI)- TPLF miseensota kiyya irraan miidhaa fi cubbuun geessisaa jiru furmaata argachuu qaba jedhe partiin Dimokiraatawa Tigraay.
Paartichi iyyata isaa Ministira Muummee,Boordii Filannoo Biyyalessaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoopiyaaf galchee jira.
Durataa’aan paartichaa Doktar Aragaawii Barihee paartichi Tigraay gidugaleessa godhatee tokkummaa fi walqixxummaa akkasumas badhaadhina uummata Itoophiyaaf hojjeta jedhan.
Miseensota isaaa filachuu fi gahoomsuun naannoo Tigraay keessaatti sochii garagaraa gochaa jirus jedhan.
Ta’us dhiibbaa misensota isaa irra gahaa jiru qaamolee dhimmi iaaluf barreeffamaan irra deddeebiin beksisuus ibsan.
Miseensoni paartii isaanis naannoo Tigraayitti seeraan ala hidhamanii dararamaa jiraachu himu.
Magaalaa shireetti fecbook irratati katabdan jedhamanii namoonni 128,Maqalee,Indasilaasee,Adigiraat,Adwaa,Intichoo,Kooram,Wajaraa,Adigudam,Qorarit, Mayhans,Humaraa ,Shiraaroo, Baadimeefi iddoowwanbiroottis deegartoonni paartii isaanii hidhamuun dararaa jala jiru jedhan.
paartichi TOI akka himetti TPLF uummata tigraayi fi miseensotaaf deeggartoota paartilee biro irratti heera biyyatti cabsuun,dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa jira jechuun mootummaan federaalaa fala akka kaahuuf gaafate.