Itoophiyaan iddoowwan qubata turizimii karaa online beeksisuu eegalte - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan iddoowwan qubata turizimii karaa online beeksisuu eegalte
Finfinnee Adoolessaa 10/2012(TOI)- Itoophiyaan iddoowwan qubata Turizimii ishee karaa online beeksisuu eegalte jedhe Ministeerri Aadaaf Turizimii.
Damee kana irraa bara itti aanus doolaaraa biliyoona 3 agachuufis karorfame.
Weerarri koronaa sochii namootaa daangessuun dame turizimii irraa miidhaa gahuun ni beekkama.
Dame kana dadammaqsuuf biyyoota tarkaanfii fudhataa jiran keessaa Itoophiyaan ishee tokkko akka taate himama.
Itoophiyaan bara darbe galii dame turizimi irraa agachuf karorfattee harka 2/3 qofa argachuun doolaara biliyoona 1 dhabdee jedhan bakka bu’aan darektara kominikeeshinii Ministeera Aadaaf Turizimii obbo Indaganaa Dassaleny Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himan.
bara darbe lakkoofsa turistotaa Itophiyaa daw’atu jedhame miliyoona 1 keessaa turistoota 541 dhufe.
Yeroo turistoonni Itoophiyaa daw’atanitti weerarichi kan hin mudanne ta’uun immoo miidhaa weerarri kun biyyoota biro irraan gaheen yoo walbira qabamu kan Itoophiyaa fooyyee qaba jedhame.
Bara 2012tti galiin dame kanaa doolaarri biliyoonni 2 fi miliyonni 71 ol argameeras jedhame.
Lammiilee dame turizimiin biyya keessatti of jiraachisan deeggaruuf mootummaan liqii dhala malee birrii biliyoona 3.3 kennuu beksisan.
Bara bajataa kanatti turistota biyya alaa Itoophiyaa daaw’atan miliyoona 1.5 irraa galii dolaaraa biliyoona 3argachuuf karorfamee jira.
Barruun Forbes kan idil adunyaa Itophiyaa biyyota adunyaa koronaa booda daw’ataman 7ffa jedhee gabaasuun ni yaadatama.