Tamsaasa Kallatti:

Uummanni Oromoo tokkummaa isaa cimsatee gara eenyummaa isaa duraanitti deebi’uu qaba jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi

Finfinnee Adoolessa 9/2012(TOI)- Uummanni Oromoo duudhaalee duraan ittiin beekkaman guddifachaa,hammachuu fi moggaasaa cimsachuun jijjirama dhufe adda durummaan ceesisuuf hojjetu qaba jedhame.

 Baroota darban jibbinsii fi loogiin uummata Oromoo irratti godhamaa ture kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi gochi akkanaa akka saboota biro irrati hin raawwatamne gochuu qaba jedhan gaafdebii OBN waliin tasisaniin.

Namni hundi hannaa fi soba irraa bilisa ta’uun uummata garalaafummaan tajaajiluutu irraa eeggamas jedhan jechuun fuulli miidiyaa hawaasaa paartii badhadhinaa barreese.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015