Itoophiyaan muuxannoo weerara covid-19 ittisuun horatte biyyoota miseensa Dhabbata Fayyaa Adunyaaf qoodde

58

Finfinnee, Waxabajjii 19/ 2012 (TOI) – Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti muuxannoo qabdu biyyoota miseensa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatif qoodde.

Ityoophiyaan hojiilee ittisaa hojjettee fi rakkoolee ishee mudatan yaa'ii dhaabbatichaa viidiyoo koonfaransiin gaggeeffame irratti  muuxannoo ishee qoodde.

Daayreektara olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii  Dooktar Teediroos Adihaanoom dabalatee ministiroonni biyyoota 194 irraa walitti babba'an hirmaatanii jiru.

Ministirri Fayyaa itoophiyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa dhibeen COVID-19 weeararaa fi sodaa addunyaa jedhamee ega labsamee hojiilee ittisaa hojjechaa turan ibsaniiru.

Seennii fi ba'iinsa daangaarratti, buufataalee lafoo fi daandii, akkasumas qilleensaatti hojiin adda baasuu, qorannoo fi yaaluu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ebila 8,2012 eegalee labsii yeroo ariifachiisaa labsuudhan sochiin diinagdee akka hin gufannetti of eeggannoodhan, weeraricha ittisuu irratti hojjetamuu kaasanii jiru.

Jalqaba vaayrasicha qorachuuf qophiin kan hin turre ta'us, amma humna horatameen wiirtulee qorannaa 38 tajaajilli laatamaa jiraachuu kaasan.

Waldaalee damee fayyaa fi gorsaa garee diyaaspooraa 12 ta'an waliin hojiin deebii laachyuu hojjetamaa jiraas jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015