Itoophiyaan Biyyoota Baha Afrikaa irraa investimantii kallattii hawwachuun sadrkaa duraa gubbaa jirti jedhame

155

Finfinnee,Waxabajjii 18/2012 (TOI) – Ityoophiyaan invastimantii alaatin baha Afrikaarraa adda duree jedhame.

Ityoophiyaan damicha hawwachuudhan baha Afrikaarraa tokkoffaa, Afrikaa irraa ammoo 5ffaa ta'uu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.

Invastimantiin kallattii alaa gara Ityoophiyaa dhufu bara 2005 eegalee waggaa waggaadhan jiddugaleessan %50 guddachaa jira.

Bara 2010 Doolaara biiliyoona 4.1 qaqqabeera jedheera ibsichi.

Bara darbee kaasee daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa guddisuuf fooyyessi diinagdee hojjetamuun ibsameera.

Bara kana damichi sababii weerara vaayrasii koroonaatin gufatee sochii daldalaa fi invastimantii idil addunyaa hordofuun hanga eegamee gadi ta'uu beeksiseera.

Akkaataa ibsa dhaabbilee idil addunyaatin bara 2012 -13 invastimantiin kallattii alaa %30 hanga 40 akka hir'atutu ibsamaa jira.

Kunis hawwata invastimantii kallattii alaa fi sochii daldala alaarratti dhiibbaa ni qabaata jedhameera. Maddi fuula fecbook waajjira Ministira Muummeti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015