Tamsaasa Kallatti:

Veentiletariin makanikaalaa namoota vayirasii koronaan sirritti dhukubstaniif oolu 300 bitamaa jira –Ministeera Fayyaa

Finfinnee waxabajjii 16/2012(TOI)- Dhukkubsattoota covid-19 hargansuuf kan gargaaru makanikal ventileetariin dabalataa 300 bitamaa jira jedha Ministeerri Fayyaa.

Darektarri qunnamtii uummataa Dr Taganee Raggaassaa erga koronaan gara Itophiyaa galee hojiilee guyyoota 100 darban hojjetaman irratti ibsa kennan.

Hanga ammaa namoota vaayirasichaan qabamaniif kan oolu veentileetariin 273 guutuu biyyatti qophii ta’uu dubbatan.

Akkasumas veentiletariin 100 kanneen ejansiin dhiheessa qoricha itoophiyaa bite yeroo dhihootti dhaabilee yaalaaf qoodama jedhan.

Ventileetariin makanikaalaa dabalataa 300 immoo gara biyyaa galchuuf adeemsa gubbaa jira jedhan Dr. Taganeen.

Sadrkaa biyyaatti giddugala qorannoo vaayirasii koronaa babal’isuun 51 irraan gahuf hojjetamaa jira jedhan.

Ama sadarkaa biyyatti gidugalessaa qorannoo koronaa 32 gurmaahan guyyatti dandeetii namoota hanga 8000 qorachuu danda’us jedan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015