Dippiloomatoonni Itiyoophiyaa Faayidaa Biyyaaleessaa ishee eegsiisuuf yeroo isaanii guutuun Hojjechaa jiru

49

Finfinnee ,Waxabajjii 15/2012 (TOI)-Faayidaa Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa eegsiisuuf Dippiloomaatoota Hojjechaa jiran cinaatti kanneen hanqina beekuumsaa fi rakkoo ilaalilchaa dhaabbataniif alatti socho’an akka jiran ibsuun yeroo dhiyootti sirreefamni ni taasifama jedhan Ministirri Ministira haajaa Alaa obbo Gadduu Andaargachoo.

‘ Dhimma Hidha Haaroomsaa guddicharratti  dippiloomaatiin biyya isaa cinaa hin dhaabbanne jiraachuu hin qabus jedhaniiru Ministirichi. Turtii TOI  waliin taasisaniin Obbo Gadduu Andaargaachoo Ityoophiyaan yeroo dhimma hidha haaroomsaa guddichaarratti marii taasiisaa jirtutti namni kamiyyuu biyya isaa cinaa dhaabbachuu qaba jedhaniiru.

Dippiloomaatoonni Itiyoophiyaa faayidaa biyyaaleessaa biyya isaanii eegsiisuuf halkaanii fi guyyaa hojjechaa jiru jechuunis dubbataniiru.Dhimma hidha haaroomsaa guddichaa fi laga Abbayyaarratti fayyadamummaa walqixxummaarratti hundaa’e irratti ejjennoo Itiyoophiyaan qabdu hawwaasa Addunyaatti beeksiisuurratti yeroo isaanii guutuu kennuun hojjechaa jirus jedhaniiru.

Dippiloomaatoonni hundi sadarkaa jedhamuu danda’utti faayidaa biyya isaanii eegsiisuuf hojjechaa jiraachuu himuun sababa Rakkoo ilaalchaa fi hanqina beekumsaan rakkoowwan mul’atan tokko tokko jiraachuus himaniiru Obbo Gadduun.

Sochii Itiyoophiyaan taasiftu hundaa haawwaasa Addunyaa biratti Fudhatama akka argatuuf lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa fi biyya keessa jiraatan tokkummaan akka hojjetan jechuun waamicha dhiyyeessaniiru Ministirri Ministira Haajaa Alaa Itiyoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoo.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015