daandiin maqaa jeneraal Sa'aaree Mokonninin moggafame

86

Finfinnee Waxabajjii 15/2012 (TOI) – Guyyaa Jeneraal Sa'aaree Makoonnin itti wareegaman waggaa 1ffaan yaadatame.

Kabaja sirnichaarrattis daandin maqaa isaanitiin mogga'e ebbifameera.

Sirna yaadannoo magaalaa Finfinneetti gaggeeffame kanarratti itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Finfinee Tasfaayee Beeljigeen argamaniiru.

Jeneraal Sa'aaren bara darbe wareegamuu isaanitiin sa'aadhan dura Injiinar Taakkalaa Uumaa waliin daandii Ruwaandaa Atlaasirra biqiltuu dhaabaniit turan.

Sirni yaadannoos achumatti taasifamaa jira.

Maqaa jeneraalichaatin paarkii ijaaruuf magaalichi bifuma waadaa galee tureen, ijaarsa eegalchiisera.

Daandii Ruwaandaa Atlaasirra siidaan ni dhaabamaafis jedhameera.

Sirna har'aa kanarratti maatin jeneraalichaa fi keessummoonni argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015