Tajaajjila lammummaan dareen dabalataa kumni 30 Naannoo Oromiyaatti ni ijaarama- Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis

55

Finfinnee Waxabajjii 6/2012(TOI)- Ministirri Muummee Dr.Abiyyi hojii tajaajila lammummaa naannoo oromiyaa magaalaa walisootti bakkaa pirededaantiin naannoo oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi pirezedaantonni naanolee amaaraa fi somaalee argamanitti eegalchiisan.

Keessummootaan baga nagaana dhuftan kan jedhan pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ,tajajila lammummaa marsaa duraan hojiin bal’aan hojjetameera jedhan.

Labsii caffeen mootummaa naannoo oromiyaa bara darbe labseen bajata mootummaan misooma hunda hojjechuun waan hin danda’amneef tajaajjilli lammummaa naannochatti uummata bal’aa hirmachisuun hojjetamaa bahe jedhan.

Tajaajilli lammummaa naanichatti hojjetamu duudhaalee gurguddoo shan Duudhaa ganamatti deebi’uu, Waa hundan dorgomuu, Halkanii guyyaan hojjechuu, Qulqullumaa yaadaa qabaachuu fi Wal tumsuun waliin dhaabachuu kan jedhaniin qajeelfamaa jedhan.

Bara darbe hanga yoonaatti hojiileen gara garaa tajaajila lammummaan hojjetamee misooma oromiyaaf oole maallaqatti yoo shallagamu birrii biliyoona 12 ta’as jedhan obbo shimallis.

Hojii tajaajila lammummaa bara Kanaan manneen barnootaa kuma 10 keessatti daree dabalataa kuma 30 fi mana kitaabaa 500 ol oromiyaa keessatti nu ijaarras jedhan obbo shimallis.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015