Akkuma Gootota kaleessaa biyaaf waan gaarii hojjennee maqaa garii haa dhiifnuu –Ministira Muummee Abiyyi Ahmad

447

Finfinnee Waxabajjii 6/2012(TOI)- Ministirri Muummee Dr.Abiyyi godina Shawaaa Kibbaa Lixaatti argamuun hojiii tajaajila tola ooltummaa Naannoo Oromiyaa jalqabsiisan.

Waliso Magaalaa seenaa qabeettii kana keessatti hojii dhalootaf bu’aa buusuun wal arguu koof nan gammada kan jedhan  Dr.Abiyyi magaalaan Walisoo magaalaa seenaa qabdu,gootota baay’ee seenaa biyyaa kaaf gummaachan magaalaa  dhalchee guddise jedhan.

Gootota akka Balchaa Abbaa Nabsoo nama seenaa addaa hojjete, warra akka  Garasuu Dhukii seenaa akka saabaatti nu boonsu hojjetantu asii bahee, magaalaa seenaa akkasii qabdu keessatti hojii tajaajila lammummaa jalqabsiisuun nu boonsas jedhan Dr.Abiyyi Ahmad.

Biyyooni har’a guddatanii nu gargaaran dafqaaf dhiigan ijaraman. Warri tokko koloniin qabeenyaf human Afrikaa saamanii kuun immoo uummata ijaaranii tola ooltummaan biyya ofii ijaarani har’a nu gargaaraa jiru jedhan.

Dargaggoonni oromiyaa bara baay’eef qabsooftanii waregama kafaltan, amma bilisummaa argannee jirra,namni bilisumaa sammuu qabu taa’uu hin qabu hojjetee ofii isaa,oromiyaa fi biyya jijjiiruu qaba jechuun dhaaman.

Dafqa keenyaan hojjennee Oromiyaa fi biyya keenya yaa ijaarru kan jedhan Dr.Abiyyi, Namni waan gaarii hojjete deebii uummata ykn waaqa irraa argata. Kanaaf tola ooltummaan investimantii ta’uu barree ganna kana dhibee koronaa irraa of eegaa biqiltuu boru gaaddisa nuuf ta’u haa dhabnuu jedhan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyi hojii tajaajila lammummaa kana mana barnoota liiban walisoo   keessatti daree dabalataa 3 dhuunfaa isaanin ijarsisuuf eegalchiisanii jiru. Waytuma kanatti biqiltuus dhaabaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015