Leenjiin Ambaasaddarootaa Xumurame

61

         

 Finfinnee ,Waxabajjii 5,2012(TOI)-Ambaasaddaroonni Haaraan biyyoota garaagaraatti akka eragaman muudaman ji’oota Afur darbeef leenjiirra turan kaleessa leenjii isaanii xumuraniiru.Ministirri Ministira haajaa alaa Obbo Gadduu Andaargaachoo xumura Leenjichaarratti argamuun haasaa taasisaniiru.

Ambaasaddaroonni kunneen biyyoota garaagaraa itti ergamanitti faayidaa Itiyoophiyaa eegsiisuuf kan ergaman waan taa’eef sochii Itti gaafatamummaa gudda itti kename kana madaaluun hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ambaasaaddaroonni kunneen haala qabatamaa biyyoota itti ergamanitti maqaa biyya keenyaa gaarii ijaaruun Investaroota harkisuu,tuursiistoota harkisuu akkasumas oomishaalee Itiyoophiyaaf Gabaa maluuf barbaaduun bu’aa gaarii galmeessisuun hojii xiyyeeffannoon itti kennamu ta’uu Obbo Gadduun ibsaniiru.

Dhumarrattis Dhalattoonni Itiyoophiyaa fi Lammiileen Itiyoophiyaa ofiif fayyadamanii biyya isaaniis akka fayyadaniif Ambaasaaddoroonni kunneen deeggarsa barbaachisu taasiisuniif akka deeggaran himuun biyyoota garaagaraa itti ergamnitti yeroo hojii gaarii akka isaaniif ta’us hawwii qaban ibsaniiru.


Sirnicharratti kan argaman Ministeerichatti ministirri de’eettaan damee tajaajila qabeenya humna namaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon ammoo, ambaasaaddaroonni haaraa kanneen biyyoota ergamanirratti xiyyeeffachuudhan fayyadamtummaa biyyaatif akka hojjetan gaafataniiru.

Ambaasaaddaroonni kunneen karoorri isaanii baajata waliin kan gitu  ta’uuakka qabuufi qabeenya horuu irratti xiyyeeffannoon akka taasifamu,Lammiilee waliin walitti dhufeenya gaarii horachuu qakka qaban,ga’umsaa fi dandeettii hojjettoota Misiiyoonii gama hundaan ga’oomsuu fi odeeffannoo fi nageenya eeguu akkasumas sochii dubartoota,daa’immanii fi dargaggoota gidduu galeessa godharratti akka xiyyeefataniif ibsaniiru.

Biyyoota garaagaraatti Itiyoophiyaa bakka bu’uun hojii Ambaasaaddarummaa akka hojjetaniif gaafa Guraandhala 24,2012 Ambaasaaddarroonni 15 Pirizinaandtii Ruppaabulikaa Fedeeraalawwaa Ititiyoophiyaa Kabajamoo Saahilewarqi Zoodeetiin  Muudamuun isaanii ni yaadatama.

                    Maddi Ministira Haajaa alaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015