Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan tola ooltota waliin biqiltuu dhaaban

139

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (TOI) –Injinar  Taakkalaa Uumaan dargaggoota bulchiinsa magaalichaa keessatti hojii tola ooltummaa waqtii Gannaa kanarratti bobba’an waliin mooraa  waajjira kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti biqiltuu dhaabaniiru.

Sirna kanarratti Injinar Taakkalaa Uumaa dubbii dubbataniin “ dargaggoonni Finfinnee lafee dugdaa magaaliittiiti” jedhaniiru.Dargaggoonni hojii tola ooltuummaa  karaa garaagaraan akka itt fufsiisanis yaadachiisaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti  iiti gaafatamaan Biiroo Dargaggootaafi tola ooltootaa Obbo Abrahaam Taaddasaa dhaabbiin biqiltuu hojii tola ooltuummaa keessaa isa tokko jedhaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti bara kana dargaggoonni Miliiyoona 1 ol hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuuf qophaa’aniiru.Iaasn kana keessaa dargaggoonni tola ooltoota kuma 500 ta’an biqiltuu daabuurratti akka hirmaatan beekameera.

Hojiin tola ooltummaa waqtii Gannaa bara kanaa waxabajjii 1,2012 bulchiinsa magaalaa Finfinneetti ifatti jalqabuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015