AshaaraaMagariisni miidhaginaa oli jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi

211

Finfinnee waxabajjii 4/2012(TOI)- Ministiiri Muummee Dr.Abiyyi duula ashaaraa magariisaa ilalchisuun waamicha dhiheessan.

 Biqiltuun Qilleensa ittiin afuura baafannudha. Muka itti fayyadamnudha. Bishaan yaa'ee hojiiwwan qonnaaf ooludha. Mankuusaa kaarbooniiti. Lubbudanummaa kan eegsisudha. Wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessaadha. Tuuriizimii uumamaa guddisa. Dhiqama biyyoo ittisa.

Balaa lolaadhaan gahu dhorka. Warri ka'an kunneen hundi mukootaa fi bosona waliin haalaan kan walitti hidhamanidha. Ashaaraa dhaabbi biqiltuu keenyaa kaa'uudhaan hundi keenya #Itoophiyaaf afaa magariisa haa afnu jechuun dhaaman.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015