Miidhaa Daa’immanif Dubartootaa Ittisuuf Hojjetamaa jira

116

Finfinnee Waxabajjii 03/2012(TOI)--Miidhaa Dubartoota fi Daa’ímman irra gahaa jiru ittisuu  hojjetamaa jiraachuu himame.

Miidhaa Dubartoota fi Daa’imman Itiyoophiyaa irra gahaa jiru ilaalchisee Abbaan Alangaa Waliigalaa Ministira Dubartootaa, Daa’immanii fi dargaggootaa, Mana Murtii Waliigalaa fi Mana Murtii Sadarkaa jalqabaa, Poolisii Magaalaa Finfinnee fi Biiroo Dhimma Dubartootaa Magaalaa Finfinnee waajjiin gamagamaa jira.

Gamaaggamicha irratti hojii Vaayirasii Koronaa ittisuu waajjin wal qabatee sababa mana turuu fi miidhaa umamu irratti mari’ataniiru.

Dhimma Kanaan walqabatee galmeen 94 Poolisiin qoratamaa akka jiru, achi keessaa himannaan 23 banamuu himammeera, akkasumas galmee 4 irratti murtiin kennamuu, Abbaan Alangee Federaalaa Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Hojiin ittisaa gahee nama hundumaa waan ta'eef gara fuldurattis rakkicha ittisuuf hojiin hojjetamuu akka qabu Aadde Adaanach Abeebee himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015