Ashaaraa Magariisa irratti hawaasni gahee isaa bahuu qaba jedhe Komishiniin Bosona Naannoo fi Jjijjiraman Qilleensaa

71

Finfinnee Caamsaa 26/2012(TOI)- Hawaasni weerara vaayirasii koronaaf otoo hin saaxilamin ofeeggannoo gochuun sagantaa Ashaaraa Magariisa baranaaf gahee isaa bahuu akka qabu komishiniiin Bosona Naannoo fi Jijjirama Qilleensaa baksise.

Sochiin dhaabbii biqiltuu bara darbe eegalame bara kanas cimee akka itti fufu ibsame.

Komishinarri komishinii Bosona Naannoo fi Jijjirama Qilleensaa Pirofesar Fiqaaduu bayyanaa sochiin Ashaaraa Magariisaa yeroo qabamefitti geggeffama jedhan.

Pirofesar Fiqaaduun ibsa miidiyaaf kennaniin dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaan bara kana geggeeffamu yeroo qabameef keessatti ni raawwatama.

Guyyaan kunuunsa naannoo sadarkaa biyyaa fi adunyaatti kabajamu hawaasaf kaka’umsa uumaa jeedhan.

Soda weerarri koronaa uumuu danda’u hir’isuuf lafa hektaara garagaraatti qooduun namoonnii murtaahan qofti biqiltoota akka dhaban murtaahe jedhan.

Kun immoo hawaasni shakkii tokko malee biqiltuu akka dhaabu isaan dandeessisa jedhan.

Harka dhiqachuu, fageenya eeggachuu fi qajelfamoonni dhaabanni fayyaa baase hojiirra ni oolus jedhame.

Hawaasni shakkii keessa otoo hin galin waamicha mootummaa fudhatee gahee isaa bahuu akka qabus beksisan.

Mootummaan misooma magariisaa waliin imaammata gara garaa baasee hojiirra oolchaa jiraachuu kan himan pirofesar Fiqaaduun yeroo ammaa  qabeenyi lubbu qabeeyyii biyyattii balaaf waan saaxilameef dhaabbii biqiltuu cinaatti qooda fudhattoota waliin qindominaan ni hojjeta jedhan.

Guyyaan kunuunsa nannoo bara kanaa sadarkaa adunyaatti yeroo 47ffa ,Itoophiyaatti marsaa 27ffaaf magaalaa Hawaasatti kabajama.

Akka Dhaabbata Mootumoota Gamtoomaniitti guyichi,dameeleen dhuunfaa fi lammiileen akkamitti nannoo isaanii akka misoomsan mariyachuun furmata kaahu jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015