Namoonni 142 haaraan har’a Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaan qabaman

61

Caamsaa 26/2012 (TOI) –Itiyoophiyaatti sa’aatiiwwan 24 darban keessatti Qorannoo Laaboraatoorii namoota 4120 irratti gaggeeffameen namoonni haaraan 142  vaayirasichi irratti argamuu Ministirri Fayyaa Itiyoophiyaa beeksiise. hanga ammaatti namoonni 1486  Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaan qabamaniiru.

Namoota haaraa har’a Vaayirasichi irratti argame keessaa dhiira 84fi dubartoota 54 yommuu ta’an  Namoonni 140 Lammiilee Itiyoophiyaati. Kanneen hafan lamaan immoo Lammii Poorchugalii fi Jibuutiitis jedhameera. Namoonni har’a Vaayirasichaan qabaman Umriin isaani waggaa 7 hanga 78 gidduu kan jiranidhas jedha Ibsi Ministira Fayyaa. Namoonni dabalataa 3 immoo sababa vayirasichaan du'uu ibsichi eeree jira.Walumaa galatti hanga ammaa namoonni 17 vayirasichaan du'anii jiru.Namoota 3 har’a sababa dhibee kanaan du’an 1ffaa Dubartii umrii 71 jiraattuu magaalaa Finfinnee yommuu ta’an Dhukkubasatanii hospitaalatti yaalarra osoo jiranii du’an.2ffaa Jiraataa Nannoo Oromiyaa kan Umriin waggaa 40 dhiira yommuu ta’an ,erga du’anii reeffi isaanii hospitaalatti yommuu sakata’amu vaayirasiin koronaa irratti argameera.3ffaan Jirataa naannoo sabaa fi uummatoota Kibbaa kan ta’e umriin isaa 40 erga du’ee booda reeffi isaa hospitaalatti sakkata’amee vaayirsiin koronaa irratti argameera.

Namoota har’a Vaayirasiin koronaa irratti argame keessaa namoonni 126 jiraattoota magaalaa finfinnee,namoonni 2 naannoo Affar,namoonni 7 naannoo Oromiyaarraa,namoonni 6 naannoo Amaaraarraa fi namni 1 naannoo Somaalee irratti.

Karaa biraatiin immoo namoonni 15 haaraan dhibee kanarraa dandamachuun Itiyoophiyaa keessatti lakkoofsa namoota dhibee kanarraa dandamatanii 246 irraan ga’eera.

Namoota dhibee kanaan qabaman keessaa namoonni ja’a dhibichi itti cimuun kutaa yaalii addaa kan jiran yommuu ta’u yeroo ammaa namoonni 1,219 vaayirasiin koronaatiin qabamuun yaalamaa kan jiranidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015