Qonnaan bultonni Godina Shawaa Kaabaa Callaa guddiftuu harkaaf karkatti bitachuun fayyadamaa jirra jedhan

108

Finfinnee Caamsaa22/2012(TOI)-  Naannooo Oromiyaatti qonnaan bultoonni godina Shaawaa Kaabaa   callaa guddiftuu bara omishaa kana  gurgurtaa duuberra bittaa harkaaf harkaatiin fayyadamaa jiru jedhe waajjirri Qonnaf Qabeenya Uumamaa Godinichaa.

Itti Gaafatamaan Waajira Qonnaa Godinichaa Obbo Masaay Warquu akka ibsanitti asiin dura qonnaan bultoota anaalee godinichaa 13f calla guddiftuun duubeen kennama.

Bara kana qonnaan bulaan calla guddiftuu kana harkaaf karkatti bitatee fayyadamaa jira jedhan.

 Qonnaan bultoonni kunneen karaa waldaalee bu’uuraa fi yuniyenii isaaniin birrii miliyoona 155 dursanii galii gochuun ji’a Eblaa irraa eegalee xaa’oon kuntaalli kumni 271fi 378 dhihaatefii fayyadamaa jirus jedhame.

Qonnaan bultoonni callaa guddiftuu kana harkaaf harkatti kan bitatan omisha jallisii, hormaata beladaa,fi hojiilee qonna fooyya’oo adda addaa hordofuun hojjetanii galiin isanii wan guddateefi jedhame.

Itti gafaatamaan waajjira Qonnaf Qabeenya Uumamaa Aanaa Jiddaa obbo Darajjee Taaddasaa sochii qindaa’aa waggota darbe godhameen galiin qonnan bultootaa fooyya’aa dhufee humna callaa guddiftuu harkaaf harkatti bitachuu horatanii jiru jedhan.

 Aanaa Jiddatti jiraataa ganda Walaqaa kan ta’an obbo Zannabaa Hordofaa bara omishaa darbe omisha qamadii bara darbe omishan birrii kuma 17’tti gurgurachuun xaa’oo liqii malee bitachu danda’anii jiru.

Bittaan harkaaf harkattii dhala xaa’oo kafaluus nu oolche jedhan.

Qonnaan bulaa obbo Marshaa Dabrees gama isaaniin omisha Garbuu Biiraa omishanii galii argatan irraa xaa’oo harkaaf harkatti bitachuun qophiirra jiraachuu himu.

Omisha kilaastaraa Garbuu fi Qamadii Omishaniin gaalii argachuu dubbatu.

Qonnaan bultoonni kunneen callaa guddiftuu harkaaf harkatti bitachuun yeroo fi humnas qusachuun dhala kafaluu jalaas nu baase jedhn.

Godina Shawaa Kaabatti omisha Arfaasaa bara kanaatiin lafa hektaara 564 midhaan gosa gara garaa facaasuuf karorfame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015