Baga Ayyaana Yaadannoo Injifannoo Caamsaa 20'n isin Gahe Jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi

137

Finfinnee Caamsaa 19/2012(TOI)- Caamsaa 20’ni taatee Itoophiyaa ammayyaa ijaaran keessaa isa tokko kan jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi, Itoophiyaa dimokiraatofte,nagaan kan mirkanaahe fi biyya haqni itti mirkanaahe gochuuf qabsa’onni lubbuu isaanii qaalii kafalanii jiru jedhan.

Caamsaa 20’ni kaayyoo  qabsaa’onni lubbuu itti kafalan cubbuu fi cunqursaa akkasumas loogii fi dhiibban hafee badhaadhina mirkaneessufii jedhan.

Caamsaa 20 wayta kabajnu kaayyowwan kanneen yaadachuunii jedhan.

Guyyaa kana kan yaadannu caamsaa 20 irra dhaabbannee otoo hin taane fuulduratti deemuun wan jiru xiinxalaa ta’uu qabas jedhan Dr.Abiyyi.

Qabsaa’onni caamsaa 20 fidan Itoophiyaa gara caamsaa 22 ceesisuuf malee gara caamsaa 19 gadi buusuuf hin turre jedhan.

Biyyi isaanii madaallii kamiinuu caamsaa 20 dabartee caamsaa digdamii tokkos ceetee caamsaa 22 bira gahuuf turee jedhan.

Kaayyoo qabsa’ota caamsaa 20 kan dhugoomsinu waan hundaan Itoophiyaa caamsaa 19 ol yoo ijaarre qofaa jedhan.

Daandiin badhaadhina keenyaa caamsaa 20 irra dhaabbatee caamsaa 19 yaaduun of tuuluu otoo hin taane biyya keenya gara caamsaa 22 ceesisuudha jedhan.

Kana jechuun haala jibbisiisaa biyyi keenya keessa turte keessaa baasu qofa otoo hin taane gara bakka gahuun irra turee gessisuudha.

Wayta yaadannoo injifannoo Caamsaa 20 kabajnu irree tokkoomee Caamsaa 20 caaluun gara Caamsaa 19 akka hin deebine sirna cimaa ijaaruuf waadaa keenya haaromsinee gara bu’aa caalutti cehuuf hojiitti galuun ta’uu qaba jedhan.

Kabajaa fi ulfinni  bara baraa wareegamtoota dhiigaf lafee isaanin Itoophiyaa fi lammiilee ishee asiin gahaniif haa ta’us jedhan Dr.Abiyyi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015